Erga humnoonni Israa'el al-Shifaa gadhiisanii awwaalli jumlaafi reenfi danuu peestaaliin xaxamee argame - BBC News Afaan Oromoo (2024)

Erga humnoonni Israa'el al-Shifaa gadhiisanii awwaalli jumlaafi reenfi danuu peestaaliin xaxamee argame - BBC News Afaan Oromoo (1)

Madda suuraa, Reuters

Erga humnoonni Israa'el Ebla 1, 2024 hospitaala guddicha Gaazaa al-Shifaa jedhamu gadhiisanii ba'anii reenfi namoota bakka bakkatti owwaalame argameera.

Lammiileen Filisxeem rifaatuu hamaa keessa jiran, kanneen gamoo barbadaa'e irra asii fi achi deemuun haala jiru ilaalan bakkeen kun walumaagalatti foolii du'aa hamaa qaba jedhan.

Waraana ji'oota saddeet darbaniif gaggeeffame keessatti humnoonni Israa'el hospitaala irratti xiyyeeffachuun haleelaa turan.

Warri Israa'el gareen Hamaas hopitaala jala maandheffatanii nu haleela jechuun hospitaalota irratti xiyyeeffatu, Hamaas ammoo kana ni waakkata.

Taateen hospitaala guddicha, meeshaalee fayyaa fi teeknooloojii wal'aansa fayyaa hedduun guutame, keessatti mudate garuu diraamaa fakkaata.

Humnoonni Israa'el iddoo kanatti weerara eegalanii torban lamaa hanga sadii keessatti ergamasaanii akka raawwatan ibsaa turan.

Dubbi himaan isaanii Avi Hayimaan ''Shororkeessitoota 200 caalan haxoofnee balleessine. Shororkeessitoota 900 ammoo otoo miidhaan ummata nagaarra hin ga'in to'annoo jala oolchine,'' jedhe.

Reenfi namootaa dallaa hospitaala al-Shifaa keessatti ashawaan haguugamee ture as bahee mul'ataa jira. Gariin goggogee, kaan tortoree bakka bakkatti argama.

Reenfi kuni dubbii waraana Israa'el namoonni nagaa hin ajjeefamne jedhu gaaffii keessa kan galchu ture.

Torbanoota dhihoo kana keessa awwaalli jumlaa akkanaan afur iddoo kanatti (al-Shifaa) argameera.

Gareen Filisxeem reenfa namootaa gamoo barbadaa'e jala barbaadu reenfa namoota dhibbaan lakkaa'amanii arguu ibseera.

Odeessa kana bal'inaan hubachuuf garee gaazexeessitootaa Gaazaa jiran waliin hojjenneerra.

''Wareegamtoota hedduu gamoo barbadaa'e jalatti awwaalaman qotnee baasne, reenfi gariin tortoreera, kan eenyuu akka ta'ellee adda baasuun hin danda'amu,'' jedhe hojjetaan Ittisa Siivilii Filisxeem Raamii Dabaabesh.

Namni kun yaada kana kan kenne reenfa namootaa qotamee ba'ee fi kaan awwaalamee jiru gidduu dhaabbateeti. Caamsaa 08, 2024 yaada kana kenne.

Fuulatti maaskii uffatee, harkaa fi qaama kaan haguugee reenfa pilaastikaa xaxamee al-Shifaa fuuldura tuulame gidduu dhaabbatee dubbata.

''Reenfa dubartootaa, daa'immanii hedduu argine. Kan mataan irraa cite akkasumas qaama namaa ciccite hedduu argine,'' jedha.

Gareen Ittisa Siivilii kun meeshaa fi ogeessa qorannoo reenfaa gaggeessu hin qabu, garuu suuraa fi viidiyoodhaan ragaa namoota dhumanii qabataa jira.

Daarektara jaarmiyaa kanaa kan ta'e Dr Mohammad Mugiir waan mudatee fi ijaan argaa jiran kana dhala namaarratti ni raawwatama jedhanii amanuun rakkisaa ta'uu hime.

Manni Maree Nageenyaa UN kutaa kibba Gaazaa [hospitaalota al-Shifaa fi Naazir] keessatti reenfi namootaa jumlaan argamuun ''guddoo na yaaddessa'' jedheera.

Yakki waraanaa raawwatamuusaa hubachuuf qorannoon gadi fa*geenyaan gaggeeffamuu akka qabu gaafateera jaarmiyaan UN kun.

Reenfi dhiheenya kana al-Shifaatti argame hedduun kan dhukkubsattoota hospitaala turanii akka ta'e barameera.

  • Karoora dhukaasa Gaazaatti dhaabu mormuun Ministiroonni Israa'el aangoo gadhiisna jedhan

  • Meeshaalee Waraana Addunyaa Lammaaffaa garuu qabatamaan hin turre kanneen beektuu?

  • Israa'el mana barnootaa UN Gaazaa jirurratti haleellaa rawwatteen namootni 20 du'uun gabaafame

Ebla 15 BBCn dhiirota lama kan harmootiin isaanii hospitaalatti yaalamee turanii, boodarra reenfi isaanii gamoo barbadaa'e jalaa qotamtee baate dubbiseera.

''Oduu boolli owwaalcha jumlaa argameera jedhu wayitan dhagahu arreedeen as dhufe,'' jedhe Mohammad al-Kaxiib.

Mohammaad guyyootaaf haadhasaa barbaadaa ture. ''Gargaarsa Rabbiitiin reenfi haadha kootii argameera,'' jedhe.

Waliid Feteemaa haati isaa Liinaa Abuu Laayilaa hanqina soorataa fi bishaaniin dhugaatiin miidhamtee hospitaalatti yaalamaa turte.

Bakka yaalamaa jirtu hospitaala al-Shifaa keessatti ajjeefamte. Reenfi ishee tortoreera, garuu madaan haleellaa qilleensaa Israa'eliin qaama isheerratti mudatee ture bakkisaa inuma beekama.

Ilmishee kunis owwaala jumlaa keessaa godaannisa isheen reeffa haadhasaa adda baase.

''Qubishee hundi irraa cirameera. Kanaanin bare,'' jedhe.

Humnoonni Israa'el erga Bitootessa 18 oppireeshinii waraanaa hospitaala kanarratti eegaltee booda lammiileen Filisxeem kumaatamaan naannawa kana jiraatan akka bakkicha gadhiisanii ba'an akeekkachiisaa turan.

Haata'u malee hospitaalli kun akeekkachiisa kana osoo dhagahuu hojiisaa itti fufeera jechuun komatu warri Israa'el.

Erga humnoonni Israa'el al-Shifaa gadhiisanii awwaalli jumlaafi reenfi danuu peestaaliin xaxamee argame - BBC News Afaan Oromoo (3)

Bakka bu’aan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Rik Peeperkon gareen isaanii gamoo wal’aansaaf hin mijanne keessa erga geeffaman booda dhukkubsattoonni 20 du’uu himu.

Haleellaa Israa’elin kanneen lubbuun hafan hanqinni soorataa, bishaaniifi yaala fayyaa akka isaan quunname nutti himan.

Qaami isaa walakkaa akka hin sochoone kani ibse Mohaammad al -Nadiim firaasha malee lafarra ciisaa turuu dubbate.

Kan miilli isaa cite daa’imni ganna 15 Rafiif Dogimuushimmoo ‘’qorichi miidhama dandamachiisus ta’e haguuguuf fayyadu hin jiru,’’ jedha.

Waraanni Israa’el hojjettoonni hospitaalaas ta’e dhukkubsattonni ‘’sababa uumamaan’’ malee ‘’sochii kallattii’’ isaaniin kan ajjeefame akka hin jirre kan gaazexeessitootatti dubbatan.

Yeroo haleellaa raawwatan dhukkubsattoota balaan akka isaan hin qunnamne bakka biraa geessuufi soorati, bishaaniifi janareetarri gara hospitaalaa akka dhufu taasifamu dubbatan.

Viidiyoon diroonin waraabameefi waraanni Israa’el qoode hidhattoonni Filisxeem hospitaala al-Shifaa keessa ta’anii loltootatti yeroo dhukaasan mul’isa.

Boodarra koridariifi kutaa wal’aansaa keessa dhokachuun dhukaasaafi dhootuu darbataa turan jedhameera.

Erga humnoonni Israa'el al-Shifaa gadhiisanii awwaalli jumlaafi reenfi danuu peestaaliin xaxamee argame - BBC News Afaan Oromoo (4)

Madda suuraa, Getty Images

Oppireeshinii torban lama tureen loltoonni Israa’el sadii ajjeefamuun isaanii mirkanaa’eera.

Waraanni Israa’el tarkaanfiin hospitaalatti fudhate odeeffannoo ‘’tikaa cimaa’’ kan bu’uureeffate akka ta’e ibse. Dabaluunis, caasaan Hamaasiifi Islaamik Jihaad humna ibsaafi intarneeta argachuuf hospitaala keessa dahatanii turan jedhe.

Hamaas al-Shifaa akka wiirtuutti fayyadamuu isaa waakkatus, qondaaltonni isaa garuu muraasni kanneen buqqa’an waliin turan jedhan akka turan hin waakkatan.

Israa’el ‘’shororkeessitoonni 200 ol’’ al-Shifaa keessaafi naannawa hospitaalichaatti ajjeesuufi dhibbaan kan lakkaa’aman hidhuu himte.

Kanneen ajjeese jette keessaa ajajoonni damee garaagaraa garichaa akka jiran ibsiteetti.

Hamaasiifi Islaamik Jihaad loltoota sadarkaa gadii isaanii haleellaa Israa’elin ajjeefaman waan hin ibsineef meeqa naannawa hospitaalichaatti akka ajjeefaman baruun ni rakkisa.

Tarii kunneen kanneen jumlaan owwaalaman keessa jiraachuu hin oolle.

Israa’el haleellaa raawwatteen ‘’namni nagaa miidhame tokkollee hin jiru’’ jettuus ragaa baatonni lammiileen nagaa Filisxeem haleellaa boombii Israa’eliin akkasumas dhukaasa tureen ajjeefaman akka turan himan.

Jaarmiyaan Palestinian Civil Defence jedhamu haleellaa Bitootessa keessa taasifame hordofee Filisxeemonni dhibbaan lakkaa’aman ammallee achi buuteen isaanii hin beekamu jedhe.

Hamaas dhaabbilee fayyaa akka dahootti fayyadama jedhamuu isaan walqabatee hospitaalli al-Shifaa ijoo dubbii ture.

Hamaas dhukkubsattoota dahoo godhachuun hidhattoota isaa dhokseera jechuun Israa’el himatti. Kanaanis, hospitaalli qiyyaafannoo waraanaa ta’un sirruma jetti.

Hamaas dhaabbilee siviilii dahoo godhachuu isaa morma, Israa’el seera gargaarsa namoomaa idil-addunyaa cabsiteetti jechuunis himata.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii owwaalcha jumlaa Gaazaa keessa jiranirratti qorannoon ‘’ifaafi amanamaa’’ akka taasifamu waamicha taasiseera.

Erga humnoonni Israa'el al-Shifaa gadhiisanii awwaalli jumlaafi reenfi danuu peestaaliin xaxamee argame - BBC News Afaan Oromoo (5)

Madda suuraa, IDF

Dubbii Himaan dhaabbatichaa Isteefan Dujaarik gaazexeessitoonni dabalataa yaaddoo malee akka dalaganis gaafataniiru. Yeroo waraanichaa Israa’eliifi Masriin miidiyaan alaa akka hin seenne dhorkaniiru.

Qondaalli kuni ragaawwan foreenshikillee akka sirnaan ka’aman ibsan. Haala amma jiruun kuni ta’aa jiraachuu isaa mirkaneessuun ni rakkisa.

Ispeeshaalistoonni foreensikii idil-addunyaa Gaazaa seenuu hin dandeenye. Kunis kanneen du’an galmeessuufi enyummaa isaanii adda baasuf adeemsa sadarkaa gadii jiranirratti akka xiyyeeffatamu taasiseera.

Owwaalchonni jumlaa xuxxuqamuun isaanii waa’ee isaanii dhugaa jiru baruuf rakkisaa ta’uu mala jedhu ekispartoonni.

Erga humnoonni Israa'el al-Shifaa gadhiisanii awwaalli jumlaafi reenfi danuu peestaaliin xaxamee argame - BBC News Afaan Oromoo (2024)

References

Top Articles
Latest Posts
Article information

Author: Sen. Ignacio Ratke

Last Updated:

Views: 5831

Rating: 4.6 / 5 (56 voted)

Reviews: 95% of readers found this page helpful

Author information

Name: Sen. Ignacio Ratke

Birthday: 1999-05-27

Address: Apt. 171 8116 Bailey Via, Roberthaven, GA 58289

Phone: +2585395768220

Job: Lead Liaison

Hobby: Lockpicking, LARPing, Lego building, Lapidary, Macrame, Book restoration, Bodybuilding

Introduction: My name is Sen. Ignacio Ratke, I am a adventurous, zealous, outstanding, agreeable, precious, excited, gifted person who loves writing and wants to share my knowledge and understanding with you.